fbpx
Loading Events

« All Events

  • This event has passed.

Seward Co-op Store Signage Focus Group (Virtual)- Oromo

May 18, 2021 @ 6:00 pm - 7:00 pm

Akkam jirtan yaa miseensa keenya!

Seward Co-op horii hawaasaati, kan kuusa mi’aa guutuu iddoo lama kibba Minneapolis keysaa qabu. Kaayoon teenya fayya qabeenya hawaasaa deeggaruudha. Mallattoo haaraya irratti hojachaa jirra akka warri kuusa mi’aa kana waa irraa bitatu, laaftumatti arkatuuf. Akeekni yaada kanaa akka mallattoon mi’aa Afaan Ingiliffaa fi yaada isaa qofa hin taaneefi. Kaayoo tana bakkaan gayuuf, koreen xiyyeeffannaa walgayii walfaanaa hawaasa keenyaa waliin godhuun yaada isaanii walitti qabuu qaban. Waldayni walgayii walfaanaa jaha tan namni haga tokko irraa qooda fudhatu qopheese. Yoo akkam xiqqaatte, Afaan walgayiin walfaanaa tun mijjeyfamtuun Afaan Amaaraa, Hmong, Oromoo, Ispaanish, Soomaalee, ifii Ingliffaa dha.

Yaaboo nu gargaari hawaasa keenya keessaa nama fadhinnaa walgayii akkanaa iirraa qooda fudhachuu barbaadu yoo beyte. Warra hawaasa nuti hojjannuuf kana calaqqisu barbaanna. Nama hunda ni dhiheysina – keysaafuu warra Afaa Amhaaraa, Hmong, Oromoo, Soomaalee, ifii/ykn Ispaanish dubbatu. Walgayiin takkittiin haga sa’aa takkaati..

Warri walgayii irraa qooda fudhate ***$50 Kaardii Seward Co-op *** qabdu argatan.

Dhaamsa kana nuuf ni dabarsita ykn nama ati beytu gara keenya erguu ni dandeysaa? Atilleen qooda irraa fudhachuu ni dandeysa. Guyyaaleen irraa qooda fudhachuu dandeysu armaan gad jira. Kan irraa qooda fudhachuu barbaaddu xuqiitii if galmeysi

• Walgayii 1 (Afaan Ingiliffaa): 4/27, 6 – 7 p.m.

• Walgayii 2 (Afaan Ispaanish): 4/28, 6 – 7 p.m.

• Walgayii 3 (Afaan Hmong): 4/29, 6 – 7 p.m.

• Walgayii 6 (Afaan Amaaraa): 5/13 , 6 – 7 p.m.

• Walgayii 5 (AfaanSoomaalee): 5/17, 6 – 7 p.m.

• Walgayii 4 (Afaan Oromoo): 5/18, 6 – 7 p.m.

Yoo ati ykn namni ati beytu irraa qooda fudhachuu barbaaddan, yooboo:

a.) if galmeysi walgayii afaan hedduu siif mijjaawuu laalii akkasumaa/ykn

b.) dhaamsa kana nama fadhinnaa qabutti dabarsi!

Hojii tana nuu wajji itti yaaduu keetiif hedduu galatoomaa!

+ Google Calendar+ Add to iCalendar